Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa marsaa 2ffaan kitaabilee 2000 Mana Kitaabaa Abirhootiif arjoome

Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa dameelee 38 akka biyyattiitti qabuu fi namoota dhuunfaarraa kitaabilee walitti qabe kuma lama Mana Kitaabaa Abirhootiif marsaa 2ffaan arjoomeera.
Hoji Gaggeessaan Tajaajilaa Oduu Ityoophiyaa Obbo Seefee Darribee, dhalootaaf kan ga’uu fi beekumsa gumaachuuf, dhalootaa qaruuf tattaaffii taasifamuu keessatti, ashaaraa kaa’uun seenaa barreessuuf kutanneerra jedhan.
Waajjira Muummee Ministiraatti Gorsaan Dhimmoota Hawaasummaa Daani’eel Kibiret, dhalootaa fi biyyaa ijaaruuf tumsaa taasifamaa jiruuf galateeffataniiru.
Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa marsaa jalqabaan kitaabilee kuma 5 ol kan arjoome yoo ta’u, marsaa 2ffaan ammoo kitaabilee kuma 2 arjoomeera.
Adeemsi kitaabilee walitti qabuus kan itti fufu ta’uun eerameera.
Qiddisti Tasfaayeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.