Fana: At a Speed of Life!

Tapha Piriimarliigii Beetkiingii Ityoophiyaa torban 2ffaan Gareen Kubbaa Miilaa Adaamaafi Hadiyyaa Hoosaanaa milkaa’an

Finfinnee, Fulbaana 27, 2015(FBC)- Tapha Piriimarliigii Beetkiingii Ityoophiyaa torban 2ffaan Gareen Kubbaa Miilaa Adaamaafi Hadiyyaa Hoosaanaa milkaa’aniiru.

Guyyaa har’aa taphoonni piriimarliigii Beetkiingii Ityoophiyaa 2 waaree booda gaggeeffameera.

Tapha garee kubbaa miilaa Hadiyyaa Hoosaayinaafi Sidaamaa Bunnaa gidduutti sa’aatii 7:00 irratti taphatameen Hadiyyaa Hosaanaan goolii 4fi 1 injifateera.

Hadiyyaa Hosaayinaaf Fiqrayesuus Tawaldabiraan, Biruuk Maarqoos, Tsaggaayee Birhaanuufi Baayyee Gazzahaanyi wayita goolii galchan, Sidaamaa Bunnaaf Yaakuubuu Mahaammad goolii 1 galchuu danda’eera.

Gama biraan tapha sa’aatii 10:00 irratti  garee kubbaa miilaa Magaalaa Adaamaafi Machaal gidduutti gaggeeffameen gareen kubbaa Miilaa magaalaa Adaamaa goolii 2fi 0 injifateera.

Taphichaan Daawaa Hoxxeessaafi Ammee Mahaammad garee kubbaa miilaa Adaamaaf goolii tokko tokko galchuu danda’aniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.