Fana: At a Speed of Life!

Tapha Waancaa Afrikaa moo’atanii darbuun Seeneegaal marsaa itti aanutti darbuu mirkaneeffatte

Finfinnee, Amajjii 17, 2014 (FBC) – Taphni Waancaa Afrikaa 33ffaan moo’atanii darbuu galgala kana Seeneegaalii fi Keepvardee gidduutti gaggeeffame olaantummaa Seeneegaaliin xumurameera.

Taphattoonni Keepvardee 2 daqiiqaa 21ffaa fi 57ffaarratti kaardii diimaan dirree ba’aniiru.

Goolii Maaneen daqiiqaa 63ffaarratti, Dieng daqiiqaa 90’+2 irratti galchaniin Seeneegaal 2 fi 0n Keepvardee injifatteerti.

Taphni sa’aatii 4:00 irraa eegaluun Moorookoo fi Maalaawwii gidduutti taphatamu si’oominaan eeggama.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.