Fana: At a Speed of Life!

Taphataan sarara fuulduraa Gaanaa Raafaa’el Daamenaa, dirree keessatti gaggabee kufuun lubbuun isaa darbe

Finfinnee, Sadaasa 2, 2016 (FBC) – Taphataan sarara fuulduraa Gaanaa Raafaa’el Daamenaa, dirree keessatti gaggabee kufuun lubbuun isaa darbuu ibsameera.

Tapha liigii Albaniyaatti taphatamaa tureratti Daamenaan, Egnaatiyaa bakka bu’uun Paarizaan waliin wayita morkachaa jiran dirree keessatti lubbuun isaa darbuu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Albaniyaa ibseera.

Taphataan kun liigii Albaniyaatti galchii sagal galchuun dursaa ture. Biyya isaaf si’a sagal hiriiree kan taphate yoo ta’u galchii lamas galcheera.

Federeeshinii Kubbaa Miilaa Gaanaas ergaa gaddaa dabarseera.

Taphataan Laaligaa Ispeen keessatti Levaanteef taphateera.

Akkasumas ergisaan Riyaal Zaaraagoozaaf taphatee ture.

Kilaboonni lamaan gaddi itti dhaga’amuu ibsuu BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.