Fana: At a Speed of Life!

Taphni Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa Dilbata dhufu Kuwaataariitti ni eegala

Finfinnee, Sadaasa 9, 2015 (FBC) – Taphni Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa 22ffaan Dilbata dhufu Kuwaataariitti ni eegalama.

Taphni waancaa addunyaa 22ffaan qopheessummaa Kuwaataariin Sadaasa 11, 2015 eegalee guyyoota 28 itti aananiif kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.

Biyyoota hanga ammaatti waancaa Addunyaa qopheessan keessaa Kuwaataar biyya ishee xiqqoo, biyyoota Arabaa keessaa jalqabaa fi qophichaaf baasii olaanaa baafte ta’uu ishee eerameera.

Yuuroo biiliyoona 220 baasuun waancaa Addunyaa waggoottan 35 darban qophaa’an 7 baasii baasaniin walitti dhiyaata jedhame.

Istaadiyeemiiwwan addaa teeknooloojiin haala qilleensaa too’atan hidhameef 6 qopheessuu ishee himameera.

Daawwattoota taphichaaf Tikkeettiwwan miiliyoonni 3.2 qophaa’uus himameera.

Daawwattoonni miiliyoonni 5 tapha kana daawwachuuf gara Kuwaataaritti ni imaluun eegama.

Taphni kun tapha Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa waqtii Bonaa qophaa’e jalqabaati jedhame.

Biyyoonni Afrikaa 5 Ardii Afrikaa bakka bu’uun kan hirmaatan yoo ta’uu, waliigala gareen biyyaalessaa biyyoota 32 taphichaaf Kuwaataar ga’aniiru jedhame.

Taphichi tapha baniinsaa Dilbata sa’aatii 1:00 irraa eegalee qopheessituu waancichaa Kuwaataarii fi Ikkuwaadoor gidduutti taphatamuun kan eegalamu ta’uu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.