Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Priimiyar Liigii Ityoophiyaa torbee 16ffaan booruu eegaluun ni taphatamu jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) –Taphoonni Priimiyar Liigii Ityoophiyaa torbee 16ffaan booruu eegaluun ni taphatamu jedhame.

Liigiichi boqonnaa torbee lamaan booda marsaa 2ffaan isaa booru ni eegala.

Guyyaa booruu Bunni Ityoophiyaa – Sihuulshiree,
Adaamaan – Faasiil waliin ni taphatu jedhameera.

Dilbata ammoo dursaan liigichaa Qidduus Giyoorgiis magaalaa Walqixxee waliin kan taphatu ta’uun ibsameera.

Taphoota torbee 16ffaa kanaan:

Walwaaloo Aaddagiraat – magaalaa Sabbataa,
Bunni Sidaamaa – Walaayitaa Diichaa,
Hadiyyaa Hoosaa’inaan – Maqalee 70 Indartaa,
Baahir Daar – Jimmaa Abbaa Jifaar,
Dirree Dawaan – Hawaasaa waliin morkatu.

Marsaa 1ffaatin Qidduus Giyoorgiis taphoota 15; qabxii 28n sadarkaa 1ffaan yoo xumuru, Faasiil qabxii 26n 2ffaa, Maqalee 70 Indartaan ammoo qabxii 25n 3ffaadhan xumureera.

Gareewwan naannoo Oromiyaa, magaalaan Adaamaa qabxii 19n sadarkaa 9ffaa, Sabbataan qabxii 18n sadarkaa 12ffaa, Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii 18n sadarkaa 13ffaa argachuun marsaa kana xumuruun isaanii kan yaadatamudha..

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.