Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Shaampiyoons Liigii Awurooppaa bara 2023/24 marsaan jalqabaa har’a ni eegalama

Finfinnee, Fulbaana 8, 2016 (FBC) – Taphoonni gulaallii ramaddiii Shaampiyoons Liigii Awurooppaa bara 2023/24 marsaan jalqabaa har’a ni taphatamu.

Dorgommiin Chaampiyeensi Liigii baranaa waggaa dheeraa booda yeroo jalqabaaf taphattoota ciccimoo addunyaa Liyoonel Meesii fi Kiristiyaanoo Roonaaldoo malee taphatama.

Waggoota 20 booda carraa dorgommii kan argate kilabni Ingilizii Niwukasil Yunaayitid har’a galgala sa’aatii 1:45 irraa jalqabee AC Miilaan waliin taphata.

Chaampiyoonaan bara darbee Maanchistar Siitiinis taphasaa jalqabaa Sarveenaa Ziveezidaa waliin taphni halkan har’aa sa’aatii 4:00 irraa eegaluun taphatu ni eegama.

PSGn Boorusiyaa Doortimand, Yaangi Booyis RB Leepiziig, Shakaatar Dooneksiin Poortoo fi Laaziyoon Atleetikoo Maadiriid waliin har’a ni taphatu.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.