Fana: At a Speed of Life!

Taphoota Beetkiing Priimayer Liigii Ityoophiyaa torbee 28ffaa har’a taphatameen Faasilii fi Aarbaa Minci milkaa’an

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2014 (FBC) – Taphoota Beetkiing Priimayer Liigii Ityoophiyaa torbee 28ffaa har’a taphatameen magaalaan Faasilii fi Aarbaa Minci morkattoota isaanii injifataniiru.
Tapha har’a waaree booda gaggeeffameen Magaalaan Faasiil goolii 1 fi 0n magaalaa Hawaasaa injifateera.
Magaalaan Faasil tapha har’aa injifachuu hordofee garaagarummaa qabxii Qidduus Giyoorgis waliin qabu daraan dhiphiseera.
Kilabni magaalaa Aarbaa Mincis goolii 1 fi 0n Buna Ityoophiyaa injifateera.
Taphichaan booda taphataan sarara fuulduraa Buna Ityoophiyaa Abbubakar Naasiir kilabichaan ifatti adda ba’eera.
Abbubakar Naasiir yeroo itti aanu Kilaba Afrikaa Kibbaa Maamaaloodii Sandawunsittitti kan makamu ta’a jedhame.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.