Fana: At a Speed of Life!

Tattaaffii Ummataa gamtoomeen Itiyoophiyaa badhaatee fi cimtuu dhaloota dhufu ni dhaalchifna-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 7, 2016 (FBC)- Tattaaffii Ummataa gamtoomeen Itiyoophiyaa badhaatee fi cimtuu dhaloota dhufu ni dhaalchifna jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Sagantaan xumuraa boqonnaa 2ffaa waggaa jalqabaa Ashaaraa Magariisaa bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Sagantichi Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumeetti kan gaggeeffame yoo ta’u Dooktar Abiy Ahimadiin dabalatee pireezidaantonni naannolee fi hoggantoonni biiroolee qonnaa argamaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad ergaa dabarsaniin, dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ilaalchisuun mariiwwan idil addunyaa hedduun gaggeeffamuu kaasan.

Ta’us, dhiibbaa jiru dandamachuuf gara hojii qabatamaatti seenuurratti hanqinni jiraachuu eeranii, Itiyoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaa eegalchiisuun dhiibbaa jiru dandamachuuf tarkaanfii fakkeenyaa ta’uu keessa seenuu dubbataniiru.

Sagantichi erga eegalee hanga ammaattis biqiltuuwwan biiliyoonni 32.5 dhaabamuu yaadachiisanii, barana biqiltuuwwan 7.5 dhaabamuu ibsaniiru.

Boqonnaawwan lameeniin biqiltuuwwan dhaabaman biiliyoona 50’n ga’uuf karoorfamuus himan.

Waggoota afuriin dura naannawaaleen hedduun mancaa’anii turuu kaasanii, yeroo ammaas naannawaalee kunneen magariisaan uwwifamuu dubbatan.

Milkaa’ina kanaaf hawaasni naannawaa gumaacha olaanaa akka qabuu fi misooma magariisaa bu’uureffachuun hojiileen kanniisa horsiisuu eegalamuu ibsaniiru.

Misoomni magariisaa dhiqama biyyee, hanga roobaa dabaluu fi madaala umamaa eegsisuutti dabalataan madda diinagdee ta’aa dhufuu himaniiru.

Fuuldurattis kuduraa fi muduraa, buna, shaayee fi hojiilee misoomaa gabaa xiyyeeffatan cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Kana malees Ashaaraa Magariisaan, Hidha Haaromsaa, Misoomaa Qamadii, Maaddii Guutuun milkaa’inaaleen galmaa’aa jiran dameewwan hundaan cimee itti fufuu akka qabu Dooktar Abiy dubbataniiru.

Milkaa’inni imala badhaadhinaa Itiyoophiyaa kan hinhafne ta’uu hojiileen mirkaneessan walta’iinsa mootummaa fi ummataan gaggeeffamaa jiraachuu akeekaniiru.

Tattaaffii Ummataa gamtoomeenis Itiyoophiyaa badhaatee fi cimtuu dhaloota dhufu ni dhaalchifna jechuun dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.