Fana: At a Speed of Life!

Tattamsa’inni awwaanisa gammoojjii naannoo Gaanfa Afrikaatti babbal’achaa jiraachuu FAOn beeksise

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC) – Tattamsa’inni awwaanisa gammoojjii naannoo Kibba Lixa Eeshiyaatti hir’achaa dhufullee naannoo Gaanfa Afrikaatti garuu babbal’achaa jiraachuu Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Idil Addunyaa( FAO) akeekkachiise.
Ityoophiyaa, Sudaan, Eertiraa fi Yamaan Awwaanisni akka wal horaniif mijataa ta’uu dhaabbatichi ibseera.
Ityoophiyaan keesumattu naannoo Kaaba Baha Affaaritti awwasni bal’inaan wal hore waan argamuuf tattamsa’inni awwaanisa gammoojiii bal’inaan jiraachuu akka danda’u Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Idil Addunyaa( FAO(n gabaasa baaseen akeekkachiiseera.
Torbee dhufu awwaanisni gammoojjii haaraan wal hore ka’umsa isaa gaanfa Afrikaa Somaaliyaa Kibbaa kan godhate gara Kibbaatti babbal’achuu waan danda’uuf Kaaba Baha Ityoophiyaatti awwaanisni gammoojii babbal’achuu ni danda’a jedhameera.
Awwaanisichi Baha Ityoophiyaa Ogaadeen Kibbaa fi naannoo daangaa Somaaleetti duuluu akka danda’u gabaasa isaan ibseera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.