Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaa biyyaa malee waraana hin feenu, yaa ta’uutii diina biyya diiguuf socho’u barbadeessuun kabaja biyyaa ni eegsiifna – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 21, 2014 (FBC) – Diinni moo’ameera, hojiin itti aanu diina bittinneessuu fi barbadeessudha jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.
Diinni yeroo ammaa nu muudate saamaa,hattuu, guddeedaa, durbartootaaf kabaja kan hin qabne, ofiis salphisee nus salphisuu kan barbaaduudha jedhan.
Humni kun osoo itti yaadinii fi hin karoorfataniin cunuunfatee waraanatti kan gale ta’uu himaniiru.
Haleellaan Gaashanaatti raawwannu murteessaa fi diinni kiraasaa irra qaqqabuurraa kan baratu ta’a jedhan.
Kana raawwachuuf karoorri xumuramuu fi Raayyaan Ittisaa qophii ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.
Akkamittii fi yoom akka raawwannu erga murteessinee booda injifannoon Gaashanaa fagoo hin ta’u jedhan.
Dargaggoonni naannoo Tigraay ABUT moo’atamuu isaa hubatee Raayyaa Ittisaaf harka akka laatu ergaa dabarsaniiru.
Tokkummaa biyyaa malee waraana hin feenu, haa ta’uutii diina biyya diiguuf socho’aa jiru barbadeessuun kabaja biyyaa ni eegsiifna jedhan.
Wareegama kamiiyyuu kaffaluuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Waraana adda kanaa yeroo gabaabaa keessatti xumuruun gara adda waraanaa birootti ni ceena jedhaniiru.
Uummanni deeggarsa taasiisu ammas cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeessaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.