Fana: At a Speed of Life!

Torbee 1 keessaatti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 53.7 olitti tilmaamaman to’annaa jala oolan

Finfinnee, Bitootessa 25, 2013 (FBC) – Torbee 1 keessaatti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 53 fi kumni dhibbi 7 fi kumni 95 fi 644 ttii tilmaamaman to’annaa jala ooluu Ministeerri Galiiwwanii beeksiseera.

Meeshaaleen kontiroobaanii qaban keessaa Birrii  miiliyoonni 40 fi kumni 300 fi 334tti tilmaamaman gara biyya keessa galuuf kan to’ataman yoo ta’u, Birrii miiliyoonni 13 fi kumni dhibbi 4 fi kumni 95 fi 310 tti kan tilmaamaan ammoo biyyaa baafamuuf wayita yaalanitti to’annaa jala ooluu ibsmeera.

Maallaqni biyyoota garaagaraa, meeshaaleen waaraanaa, qorichoonni, baallii sammuu nama hadoochuu, oomishaalee qonnaa, shaqatootaa nyaataa, uuffatalee fi kopheewwan, meeshaalee elektirooniksii, oomishaaleen bareedinaa fi meeshaalee jijjiirraa kanneen to’amanaan keessaatti argamuu jedhameera.

Konkolaattoonni meeshaalee kontiroobaandii kanneen imalchiisaa turaan 35 to’annaa jala ooluu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.