Fana: At a Speed of Life!

Traamp balalii Awrooppaarraa gara Ameerikaa taasifamu ittisan

Finfinnee, Bitootessa 3, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp balalii Awrooppaarra gara Ameerikaa taasifamu ittisaniiru.

Sadarkaan tamsa’inni koroonaa vaayrasii irra ga’aa jiru yaaddoo guddaa uumera.

Kanaafis preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp balalii Awrooppaarra gara biyya isaanii Ameerikaatti taasifamu guutumaa guututti ittisuu beeksisan.

Traamp balaliin biyyoota Awrooppaa kamirraayyuu taasifamu guyyoottan 30 dhufaniif ittisuu ibsaniiru.

Ittisni balalii kun lammiilee Ameerikaa hin dabalatu jedhameera.

Ameerikaatti waliigalatti namoonni kumni 1 fi 135 vaayrasiichaaf saaxilamaniiru.

38 ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.

Ittisni balalichaas booru Jimaatarraa eegaleet hojiirra oola.

Gamtaan Awrooppaas of eeggannoo barbaachisaa taasisaa hin jiru jechuun Traamp komataniiru.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.