Fana: At a Speed of Life!

Turkitti yeroo 2ffaaf kirkirri lafaa muudate

Finfinnee, Amajjii 30, 2015 (FBC) – Turkitti yeroo 2ffaaf kirkirri lafaa Reektar Iskeelii 5.7 ta’ee galmaa’e muudate.

Balaan kirkira lafaa kun har’a ganama kutaalee Baha biyyattiitti kan muudate ta’uu eerameera.

Turkii fi Sooriyaatti lakkoofsi namoota balaa Kirkira lafaa muudateen du’aanii kuma 5 ol ga’uu ibsame.

Gamoowwan kumni 5 fi 775, Hospitaaloonnii fi manneen jireenyaa hedduun barbadaa’uu eerameera.

Jiraattoonni hedduun qorra hamaa waqtii Gannaaf saaxilamuu isaa hordofee uffataaleen qorraa kumni dhibbi 3 olii fi Dunkaanoonni iddoo turtii yeroo kumni 41 raabsamuu Tajaajilli Oduu Meetiroo jedhamu gabaaseera.

Hojjettoonni deeggarsaa biyyoota 65 irraa walitti dhufan kumni 2 fi 600 miseensota lubbuu baraartotaa biyyattii waliin hojii lubbuu baraaruu hojjechaa jiraachuu ibsameera.

#Addunyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.