Fana: At a Speed of Life!

Uffataalee fi qorichoonni Birrii miiliyoona 16 olitti tilmaamaan karaa seeraan ala Finfinnee seenuuf turan to’taman

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2013 (FBC)- Uffataalee fi qorichoonni Birrii miiliyoona 16 fi kumni 63 fi 250tti tilmaamaan karaa seeraan ala Finfinnee seenuuf turan buufata sakattoo Tulluu Diimtuutti to’atamaniiru.
Qorichoonnii fi uffataaleen boondaa kunneen Gurraandha 13, 2013 halkan sakattoo taasifameeni to’annaa jala kan oolaan.
Konkolachiisan konkolaataa miidhaan waan fe’ee fakkeessuun uffataalee fi qorichoota kanneen gara Finfinnee seensisuuf wayita yaaluutti to’atamu itti gaafatamaan waajjira gumurukaa damee Qaallitti buufata sakattoo Tullu Diimtuu obbo Waariyoo Guyyoon himaniiru.
Qorichoonni kunneen dargaggootarratti miidhaa kan qaqqabsiisan ta’u ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.