Fana: At a Speed of Life!

Ummanni Affaar garee ABUT biyya diiguuf wiixxirfataa jiru awwaaluuf ashaaraa isaa akka kaa’uu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2014 (FBC)- Ummanni Affaar garee shororkeessaa ABUT biyya diiguuf wiixxirfataa jiru awwaaluuf injifanno galmaa’aa jiruurratti  ashaaraa isaa akka kaa’uu waamichi dhihaate.

Gareen shororkeessaa ABUT biyya diiguuf wiixxirfataa jiru awwaaluun injifanno galmaa’aa jiruuf Ummanni Affaar  ashaaraa isaa akka kaa’uu Preezdaantiin naannichaa Obbo Awwal Arbaan waamicha dhiheessan.

Preezdaant Awwal,  dhimma haala yeroo biyyaa fi dhimmoota naannichaa irratti ibsa kennaniin akka hubachiisanitti, ummanni naannichaa garee shororkeessaa ABUT Ityoophiyaa qoqqooduu fi bittinneessuuf socho’aa jiru ittisuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT aanaalee garagaraa naannichaa seenuuf yoo yaale iyyuu adabbii cimaan haleelamuun bakkeewwan weerare keessaa arii’amuu himaniiru.

Garichi bakkeewwan weeraraan to’atee turetti misoomawwan bu’uuraa barbaadeessuun daa’immanii fi dubartoota dabalatee namoota nagaa haala sukkanneessaan ajjeesaa turu hubachiisaniiru.

Garichi dogoggoora isaarraa kan hin baranne garee badii oftuulu ta’uu eeruun, ergamtoosaa walitti qabuun ammas aanaalee Berraalee, Megaallee fi Cifraatti weerara taasisuuf yaalaa akka jiru himaniiru.

Kaayyoo garee shororkeessichaa maqaa federaalizimiifi sabaafi sablammootaan bulchiitoota hundeessee hundeeffama Tigraay guddicha uumuuf akka ta’e eeraniiru.

Haa ta’uti hawaasichi kaayyoofi shira diinoota kunneen qixa sirriin hubachuun bilisummaasaa fi kabajasaa dhiigasaanii fi lafeesaan mirkaneessuuf cimsee qolachuun kaayyoon badii garee shororkeessicha milkaa’uu akka hin dandeenye gochaan mirkaneessuun dirqama ta’uu hubachiisaniiru.

Mootummaan naannichaas weerara baname qoolachuuf dirqama seenaa fi ummataa irra jiru hoggantoonni sadarkaa sadarkaan jiru ajandaa dursaa godhachuun hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Haa ta’u malee garee shororkeessaa diina biyyaafi ummataa kan ta’e kan isaaf malu deebii kennuuf dhimmicha mootummaan naannichaafi ummanni ajandaa dursaa taasisuun soscho’aa jiraachuus himan obbo Awwal.

Raayyaan Ittisa Biyyaa humna murtee qabuun bakkeewwan adda waraanaa hundaa uwwisuu waan hin dandeenyeef ummanni bakkeewwan banaa guutuurra darbee akka kanaan duraa ummatichi qabsaa’aa olaanaa ta’uun ashaaraasaa kaa’uu akka qabu obbo Awwal waamicha dhiheessaniru.

Dabalataanis jiraattonni naannichaa hundi meeshaalee garaagaraafi hidhanoo qabuun akkasumas galteewwan walqabatanitti fayyadamuun humna addaa naannichaafi Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa hiriiruun naannoosaaniifi ummatasaanii balaa itti agggaamame akka baraaran waamicha dhiyeessaniiru.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.