Fana: At a Speed of Life!

Ummannii fi bulchiinsa naannoo Kibbaa Birrii miiliyoona 85 ol Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Qaammee 1, 2013 (FBC) – Ummannii fi bulchiinsi naannoo Kibbaa marsaa 4ffaan Birrii miiliyoona 85 ol Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisaniiru.
Naannichi hanga ammaatti marsaa 4n akaakuu fi Maallaqaan Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 95 fi kuma dhibba 9 Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisaniiru.
Ummannii fi mootummaan naannichaa guyyaa har’aa Sangoota kuma 1 fi 44, Hooloota 986, fi nyaatawwan garaagaraa Konkolaataa 20 Raayyaa Ittisaaf laateera.
Waliigala deeggarsa Birrii miiliyoona 85 fi kuma dhibba 4 fi kuma 94tti tilmaamamu Raayyaa Ittisaa Waliin walharkaa fuudhinsa taasiisaniiru.
Naannichi hanga ammaattii marsaa 4n akaakuun meeshaalee Birrii miiliyoonaa dhibba 2 fi miiliyoona 55 fi kuma dhibba 9 fi kuma 28tti tilmaamamuu fi maallaqa Birrii miiliyoona 4 deeggarsa taasiisuu Ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Kibbaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.