Fana: At a Speed of Life!

‘UNDP’n hojiilee misoomaa Ityoophiyaatti gaggeeffamaaniif deeggarsaa taasisuu cimsee akka itti fufu ibse

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015 (FBC) – Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNDP) hojiilee misoomaa gama maraan Ityoophiyaan gaggeessituuf deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksise.

Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa fi Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen Hoji Gaggeessaa sagantaa misoomaa dhaabbatichaa Akiim Istaayiin waliin mari’ataniiru.

Dooktar Fitsum marii isaaniin, diinagdeen Ityoophiyaa sababa walitti bu’iinsaan, vaayirasii koronaa, hongee fi dhiibbaawwan alaa biroon qoramus guddina galmeessuu ibsaniiru.

Hammaa fi saffisa guddinichaa dabaluuf mootummaan hojiilee garaagaraa fi riifoormii diinagdee taasisaa jiraachuu hubachiisnaiiru.

Kun ammoo deeggarsa addaa dhaabbilee akka Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii barbaachisa jedhaniiru.

Dhaabbileen tumsitoota misoomaas misooma waaraa biyyattii deeggaruun michummaa isaanii akka mirkaneessan gaafataniiru.

Obbo Ahimad Shideen gama isaaniin, Ityoophiyaan rakkoolee diinagdee furuuf riifoormiiwwan garaagaraa gaggeessaa jiraachuu ibsanii, yeroo ammaas riifoormiin diinagdee biyya keessaa 2ffaan qophaa’aa jira jedhaniiru.

Hanqina sharafa alaa, daldalli alaa fi galii walmadaaluu dhabuun, gatiin shaqaxootaa qaala’uu fi kanneen biroon diinagdeerratti dhiibbaa qabaachuu kaasaniiru.

Riifoormiin gaggeeffamus rakkoolee kanneen akka furutti hojjetamaa jiraachuu kaasanii, Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniis milkaa’ina hojiilee kanneeniif deeggarsa akka taasisu gaafataniru.

Sagantaan misooma dhaabbatichaa hanga ammaatti deeggarsaa hojiilee misoomaa Ityoophiyaaf taasise ministiroonni lameen dinqisiifataniiru.

Hoji Gaggeessaan Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Akiim Istaayiin gama isaaniin, waliigaltee mootummaa fi ABUT gidduutti mallateeffame dinqisiisfataniiru.

Deebisanii ijaaruu, dandamachiisuu fi hojiilee misoomaa xiyyeefannoo mootummaa ta’aniif deeggarsi taasisan cimee akka itti fufu beeksisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.