Fana: At a Speed of Life!

USAID Tigraayitti dabalataan deeggarsa Doolaraa Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 52 taasise

Finfinnee, Eebla 1, 2013 (FBC)- Dhaabbanni Misooma Idil Addunyaa Ameerikaa USAID naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaaf kan oolu dabalataan Doolaraa Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 52 deeggarsa taasisuu beeksiseera.

Kunis dhaabbatichi naannoo Tigraatti dhiyeenya deeggarsa taasisee gara doolaraa miiliyoona 305 ol kaaseera.

Deeggarsichi naannoo Tigraayitti olaantummaa seeraa kabachiisuutin lammiilee miidhaaniif bishaan dhugaatii dhiyeessuu, yaala aarifachiisaa fi deeggarsa fayyaa akkasumaas ijaarsa da’aannaaf kan oolu ta’uu dhaabbatichi ibseera.

Lammiilee miiliyoona 3f deeggarsa aarifachiisaa akka taasisuu kan ibse dhaabbatichi kana dura garee yeroo balaa deebii laatuu gara naannoo Tigraayitti ergu beeksiseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.