Fana: At a Speed of Life!

USAID waggoot shanan darbaniitti Ityoophiyaaf deeggarsa Doolaara biiliyoona 2 taasiise

Finfinnee, Bitootessa 24, 2013 (FBC) – Dhaabbanni gargaaraasaa Ameerikaa ‘USAID’ waggoottaan shanan darbaniitti Ityoophiyaaf deeggarsa Doolaara biiliyoona 2 taasiisuu ibsameera.
Dhaabbatichi guutuu Ityoophiyaatti lammiilee sababa Hongee, walitti bu’iinss, weerara hoomaa awwaannisaa, balaa lolaa fi kanneen biroon miidhamaniif deeggarsa Doolaara kan taasiisuu ta’uu beeksiisaa ragaan Fuula Miidiyaa Hawaasummaa dhaabbatichaarraa argame ni agarsiisa.
Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame hordofee rakkoo uumame hir’isuuf Ameerikaan hanga ammaatti deeggarsa namoomaa Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 53 taasiisuun ishee kan yaadatmuudha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.