Fana: At a Speed of Life!

Uummata Injifannoo Aarsaa Qaaliin argate tikfatuufi kan Isa hafe Mootummaa Waliin Qindoomee Milkeeffatu Qabaachuun Carroomuudha – BKO

Finfinnee, Guraandhala 2, 2016 (FBC) – Uummata Injifannoo Aarsaa Qaaliin argate tikfatuufi kan Isa hafe Mootummaa Waliin Qindoomee Milkeeffatu Qabaachuun Carroomuu ta’uu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beeksise.

Biirichi marii hawaasaa har’a magaaloota Oromiyaa 20 keessatti gaggeeffame ilaalchisee ibsa baaseera.

Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaatera.

Ilaafi ilaameen uummata bulu, mari’atees mariin kan waliigalu uummanni keenya duudhaa ganamaa jabaa qaba. Duudhaa jabaa barootaaf kuufame kanatu tokkummaa keenya akka hapheetti jabeessee aggaammii keessaafi alaa irraa hambisuun obbolummaa sabdaneessa irratti akka ijaarruuf karaa nuuf saaqe. Kabajni guddaan kan qabsaa’otaafi uummata keenya aarsaa qaalii kaffalee abjuufi aggaammii diinotaa fashaleesse biyya sabdaneettii nu dhaalchiseef haa ta’u.

Uummanni naannoo keenyaa har’as akkuma kaleessaa injifannoo isaa kan tikfatuufi hojiilee misoomaa, nageenyaafi bulchiinsa gaarii fuula duraa mootummaa waliin qindoomee kan mirkaneeffatu ta’uu irra deebiin mirkaneessee jira.

Uummata xiiqiin biyya isaaf dhaabbatu, nageenya waaressuuf mootummaa isaa waliin qindoomee hojjetu qabaachuun ammoo carroomuudha.

Maree guddicha guyyaa har’aa kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti uummata naannichaa waliin gaggeeffamaa oolen mootummaan nageenya waaressuu, misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuufi sirna fedraalizimii obbolummaa sabdaneessa cimsuuf galtee kan irra argatedha. Kana malees, uummanni keenya utubaa imala Badhaadhina eegallee ta’uu irraa deebiin firaafis ta’e diinotaaf waltajjii itti dhugoomsedha.

Milkaa’inoota hanga ammaatti argamaniif bu’uurri guddaan hirmaannaafi qindoomina uummanni sadarkaa sadarkaan agarsiiseefi kutannoo hooggansi agarsiise irraa kan maddudha. Nageenya waaressuufi dimokiraasii dhugaa diriirsuunis hirmaannaa uummataatiin mirkanaa’a.

Mootummaan keenya hooggansa yeroon gaafatu kennuun qormaata gara carraatti jijjiiraa imala badhaadhinaa eegalame itti fufsiisuun gaaffii uummanni keenya gaafatu ariitiin deebisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu irra deebiin mirkaneessina. Uummanni keenyas akkuma kanaan dura taasisaa ture obbolummaa sabdaneessa fi seenessa waloo cimsuufi misooma irratti kutannoon hojjechuu gochaan cimsee itti fufuu qaba.

Uummata keenya waliin qindoomnee, gurmaa’ina sadarkaan jirus cimsinee injifannoo aarsaan arganne tikfachaa kan hafe ammoo karooraan milkeessuuf cimnee waloon hojjenna. Mootummaan Naannoo Oromiyaa galtee maree uummataa irraa argameef xiyyeeffannoo kennee kan hojjetuufi fedhii misoomaa uummata keenyaa guutuu, obbolummaa sabdaneessummaa ijaaruufi ijaarsa biyyaa cimsuuf imala badhaadhinaa eegalle cimsinee itti fufna.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Finfinnee

Guraandhala, 2016

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.