Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasii koroonaa ittisuuf abbootiin qabeenyaa deeggarsa taasisaa jiru

Finfinnee, Bitootessa 18,2012(FBC) –Abbootiin qabeenyaa magaalaa Finfinnee vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa taasisaa jiraachuu ibsame.
 
Abbaan qabeenyaa Koolleejjii Ityoophiis Dooktar Adiil Abdallaan kaampaasii magaalaa Finfinnee naannoo Gootaraatti argamu tajaajila yaalaa vaayrasii koroonaaf akka oolu eeyyamaniiru.
 
Kaampaasiin kun namoota 100 ol keessummeessuu danda’a jedhame.
 
Dabalataan Abbaan qabeenyaa Wubisheet Taklee Waaqjiraa jedhamu ammoo gamoo magaalaa Finfinnee Booleetti argamu tajaajila yaala vaayrasichaf akka ooluuf eeyyamuu isaanii ibsameera.
 
Abbootiin qabeenyaa kunneen tattaaffii mootummaan Koroonaa vaayrasiii ittisuuf taasisaa jiru deeggaruuf hojii fakkeenyummaa qabu raawwachuu isaanii itti aanaan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Injiinar Takkalaa Uumaan fuula feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Gamtaan hojjechuun yeroo murteessaa kanatti qoramaata kana akka dabarruuf murteessaadha jedhan Injiinar Taakkalaan
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.