Fana: At a Speed of Life!

Waadaa Galle gochaan mul’dhisnee, Badhaadhina ni mirkaneessina – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 16, 2016 (FBC) – Waadaa Galle gochaan mul’dhisnee, Badhaadhina ni mirkaneessina jedhan Pireezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Hoggansi jijjiiramaa aangotti kan dhufe, dhimma gulantaa qabsoo sabaa ittaanu irratti, hubannoo guutuu qabateeti jedhan.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Qabsoon jijjiirama kana argamsiise, gulantaa qabsoo ummatichaa, TA’UU irraa gara GOCHUUti kan ceesisedha.

Bifuma kanaan, galmoota GOCHAA, gulantaa qobsoon sabichaa amma irraa gaherraa maddan sadi adda baasee milkeessuf waadaa galeera. Isaanis, akkuma yeroo mara ibsinu, sirna ititaa ijaaruu, dhaloota saayinsiifi teknoolojiin dorgomaa ta’e horachuufi ummata dinagdeen ga’oome umuudha.

Filannoo booda ammoo, waadaa galmoota qabsoo gochaa gaafatan kanneen milkeessuf gale eeguf, sochiilee babal’dhaa taasiseera. Gama kanaan, hojiileen qonna, barnoota, indastirii manufaakchariingii, turizimii, qusannaafi liqii, eegumsaafi kunuunsa qabeenya umamaafi kkf irratti raawwataman, abdii guddaa kan namatti horanidha.

Mootummaan, gara fuulduraattis, gama tokkoon muxxannoo adeemsa kanaan argame qindeessee caalmatti kan socho’u ta’uu isiniifan mirkaneessa. Gama biraatiin, humnoota adda addaa hanga ammaa faallaa gulantaa qabsoo ummatichaa dhaabbataniif dhaamsan qabu dabarsuun barbaada. Har’a, waa’ee mirga eenyummaa (Oromoo TA’UU) lallabuun, ummata kanaaf bu’aa tokkollee kan hinbuusne qofa osoo hintaane, humna dhimma kanaaf ‘qabsaa’us’ sabboonummaa hingoonfachiisu. Har’a, ‘qabsoon’ mirga Oromoo TA’UUf taasifamu, humna qisaasuu bira darbee, mirga ummanni keenya goonfate kana lafa hinqabsiisu.

Gulantaan qabsoo jijjiirama boodaa, mirga ofTA’UU mirkanaa’e kana, hortee beekumsaa (saayinsiifi teknoolojii), dinagdeefi sirnaatin akka lafa gahu, qabsoo GOCHAA taasisuu akka ta’e hubachiisuun barbaada. Kanarraa kan hafe, wal’dhabdeen garaagarummaa laallee siyaasaa, tarsiimoo ykn adeemsa raawwii irraa maddu, dhimma hinmuudanneefi hinfuramne akka hintaane yaadachiisun barbaada.

Mootummaan keenya, garaararummaa humnoota kana waliin jiru, mariifi marabbaan furee, qilleensa nagaafi humna waloomen, qabsoo GOCHAA fuuldura keenya jiru finiinsuuf, yeroo kamuu caalaa qophii ta’uu carraa kanaan ibsuun barbaada.

Waadaa Galle GOCHAAn Mul’dhisnee, Badhaadhina Nidhugoomsina.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.