Fana: At a Speed of Life!

Waaldan michuumma Ityoophiyaa fi Faransaayii deeggarsa meeshaalee yaala taasisufi

Finfinnee, Hagayya 27, 2012 (FBC)- Waaldan michuumma Ityoophiyaa fi Faransaayii magaalaa Meetroopaal Liiyoon wal tumsuun deeggarsa meeshaalee walitti qaban Ityoophiyaaf deeggarsa taasisuuf ta’uu ibsame.

Waldichi deeggarsa meeshaalee tilmaama Yuuroo kuma 53 fi 500 qabu walitti qabuu Faransaayitti amdaasaaddarri Ityoophiyaa Heenook Tafarraa ibsaniiru.

Deeggarsichi haguuggii afaanii fi funyaanii, harkaa akkasumaas meeshaalee hanga dhiigaa oksijiinii keessa jiruu, dhahaanna onnee fi ho’ina qaama safaruu kan haammatuudha.

Deeggarsichi hojii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasifamuu deeggaruu ta’u kan ibsaan ambaasaaddarichi,waldaa michuumma Ityoophiya fi Faransaayiin galateeffataniiru.

Yeroo amma kanas weerarri vaayrasii koroonaa Ityoophiyaatti babal’ataa dhuufun lubbuu namoota hedduu du’aaf saaxilaa jira jedhaniiru.

Michuuwwa keenyaa waliin Ityoophiyaanoota weerara vaayrasicharra olchuuf waliin ni hojjeennas jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Magaalaan Meetroopaal Liiyoon Finfinnee waliin hariiroo cimaa kan qabdu yoo ta’u, hariiroon biyyoota lameenii kan eegalees bara Faranjoota 1999 akka ta’ee ragoolee ni muuldhisu.

Magaalonni lamaan baatii Sadasaa bara 2012 tumsa isaanii cimsuuf waliigaltee waliif mallateessanii turan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.