Fana: At a Speed of Life!

Waamicha MM Abiy Ahimad “Gara biyyaa gala” jedhu lammilee Ityoophiyaaf dhiyeessan qindeessuuf qophii ta’uu Manni Maree Diyaaspooraa Itiyoophiyaa beeksise.

Finfinnee, Sadaasa 24, 2014 (FBC) – Waamicha MM Abiy Ahimad “Gara biyyaa gala” jedhu lammilee Ityoophiyaaf dhiyeessan qindeessuuf qophii ta’uu Manni Maree Diyaaspooraa Ityoophiyaa beeksiseera.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad dhalattootaa fi lammiilee Ityoophiyaa akkasumas michuuwwaan ishee biyya alaa jiraniif gara biyyaasaanii dhufuun ayyaana Qillee akka kabajan waamicha dhiyeessuun isaani ni yaadatama.

Bara haaraa Faranjoota 2022 Ityoophiyaatti akka kabajaniif diyaaspooraa miiliyoonni tokko gara biyyaa akka galan waamicha taasifame deeggarun saganticha qindeessuuf qophii ta’uu Manni Maree Diyaaspooraa Ityoophiyaa beeksiseera.

Manni Maricha waamicha dhiyaate deeggarun hojirraa oolmaasaaf waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneesseera.

Diyaaspooraan gara biyyaa galuun indaastirii tuurizimii guddisuu fi ammayyeessuuf ashaaraa mataa isaa akka kaa’u gochuun murteessaa ta’uu Manni Marichaa ibseera.

Gareen shororkeessa ABUT  humnoota alaa waliin qindaa’uun biyyattii diiguuf waraana bane qolachuu fi biyyatti bilisa baasuuf qabsoo taasifamu keessatti hirmaachuuf waamicha dhiyaate  qindeessuuf qophii ta’uus himeera.

Balaa birmadummaa Ityoophiyaarratti aggaamame qolachuu fi nageenya mirkaneessuuf waamichaa Mootummaa fudhachuun diyaaspooraan gara biyyaasaatti akka galu waamicha dhiyeessaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.