Fana: At a Speed of Life!

Waamichi Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaa biyya alaa jiraataniif taasifame akka milkaa’uuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Mudde 20, 2016 (FBC)- Waamichi Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaa biyya alaa jiraataniif taasifame akka milkaa’uuf hojjetamaa jiraachuu Misiyoononni Itiyoophiyaa biyyoota garaagaraa jiraatan ibsan.

Waamicha Ministirtaa Muummee FDI Dooktar Abiy Ahimadiin Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaa biyya alaa jiraataniif taasisan ilaalchisuun misiyoonota Itiyoophiyaa waliin mari’atameera.

Ministir Deetaan Ministeeraa Dhimma Alaa Ambaasaddar Burtukaan Ayyaanoon, misiyoononni kanaan dura haala muuxannoo qabaniin, waamicha Ministira Muummeen taasifame qindeessuu eegalan cimsanii akka itti fufan hubaciisaniiru.

Daayrektarri Olaanaa Tajaajila Diyaaspooraa Itiyoophiyaa Dooktar Mahaammad Indiriis gama isaaniin, waamicha taasifame hordofee turtiin Itiyoophiyaanota gara biyyaa dhufanii milkaa’aa akka ta’uuf koreewwan hundeeffamanii hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Sosochii giddugaleessarraa hanga misiyoonaatti taasifamuun kaayyoo waamichichaa milkeessuuf kan hojjetamuu ta’uu ibsuu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

Dursitoonni misiyoonaas waamichi Itiyoophiyaanota dhalootaa 2ffaa biyyaa alaa jiraataniif taasifame akka milkaa’uuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.