Fana: At a Speed of Life!

Waancaan Kubbaa Miilaa Addunyaa Finfinnee gale

Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Dorgommii Tapha Kubbaa Miilaa Addunyaa bara Faranjootaa 2022 Kuwaatar dursee Waancaan addunyaa biyyoota garaagaraatti argisiisaaf dhiyaatu har’a Finfinnee galeera.
Lammiin Biraaziil taphataan sarara mirgaa duraanii Baarseloonaa Juuliyaanoo Beeleeti Waancicha qabachuun Finfinnee ga’aniiru jedhame.
Waancichi wayita Buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ga’u Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa dabalatee hoggantoota mootummaa biroon simatameera.
Guyyaa borii eegalee Addabaabayii Masqalaatti daawwiif banaa ta’a jedhame.
Ba’akaal Daani’eeltu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.