Fana: At a Speed of Life!

Wabiin nyaataa utubaa birmadummaati – Pir. Shimallis

Finfinnee, Sadaasa 17, 2016 (FBC) – Ummanni wabii nyaataa hin mirkaneeffanne, birmadummaan isaa guutuu hin ta’u jedhan Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Wabiin nyaataa utubaa birmadummaati. Ummanni tokko misooma dinagdeetiin tarkaanfachuu mala. Haata’uutii, wabii nyaataa hanga hin mirkaneeffannetti, birmadummaan isaa guutuu hin ta’u jedhan.

Gama kanaan, carraaqqii hedduu taasisanis, ummanni hedduun kufaniiru. Ummanni keenya ammoo wanti yeroo gabaabaa keessatti milkeessuu danda’u yoo jiraate, inni duraa wabii nyaataa mirkaneeffachuudha.

Humna oomishaatiin kan badhaane: Lafa (bal’dhaa qonnaaf mijatu, bishaan gannaafi bona yaa’u, haala qilleensaa mijataa, ‘agro-ecology’ gosoota omishaa danuu fudhatu), humna hojii (umrii omishtummaa keessaa jiru hedduu), kaapitaala ka’umsaa qabna jechuun ibsaniiru.

Gama tokkoon teeknoolojiifi intarpiyuunarummaa, gama biraatiin kutannoo siyaasaa itti daballaan hiyyummaa seenaatti dhiisuuf yeroo nurraa hin fudhatu.

Raawwiin gama qonnaa, keessattuu oomisha qamadiitiin waggoottan afran darban galmaa’e, yaada kana kan dhugoomsu ta’uu eeraniir.

Isaan booda, harka-naqattoonni maqaa gargaarsaatiin dhufuu malan ulaa hin argatan.

Birmadummaan keenya wabii nyaataa mirkaneessuun, sabboonummaan keenya hiyyummaa moo’achuun mirkanaa’a!jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.