Fana: At a Speed of Life!

Waggaan 20ffaan obbolummaa magaalota Finfinnee fi Chonchuun kabajame

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2016 (FBC)- Waggaan 20ffaan obbolummaa magaalaa Finfinnee fi Magalaa Chonchuun Kooriyaa Kibba kabajame.

Sirnichaarratti Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Kantiibaan Magaalaa Chonchuun Yuukii Toongi Haanii fi gareen jilaa dippilomaasii dargaggootaa biyyattii argamaniiru.

Dabalataan Jila Kantiibaa Chonchuun Yuukii Toongi Haaniin durfamu waliin dhimmoota walta’iinsaan magaalonni obbolaa lameen hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Guyyichi kabajamuun hariiroo obbolummaa waggoota 20 Magaalaa Chonchuu waliin turee kan cimsu ta’uu Aadde Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.