Fana: At a Speed of Life!

Waggoottan shanaan darban shamaarran miiliyoonni 2.4 Talaallii Kaansarii Fiixee Balbala Gadameessaa fudhatan – BFO

Finfinnee, Guraandhala 26, 2016 (FBC) – Waggoottan shanaan darban shamaarran miiliyoonni 2.4 Talaallii Kaansarii Fiixee Balbala Gadameessaa fudhachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.
Hoogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan ittisaa fi to’annoo kaansarii fiixee balbala gadameessaa ilaalchisuun miidiyaaf ibsa kennaniiru.
Talaallii Kaansarii Fiixee Balbala Gadameessaa kennuun Dhimma Dhaloota Egeree Ijaaruu ta’uu ibsaniiru.
Hanqina hubannoorraa kan ka’e Dhibeen kaansarii fiixee balbala gadameessaa %90 biyyoota guddachaa jiran miidhaa jiraachuu Dooktar Mangistuun himaniiru.
Biiroon fayyaa Oromiyaa dhaabbilee fayyaa 503 keessatti calallii kaansarii fiixee balabala gadameessaa gaggeessaa jiraachuu eeraniiru.
Dubartoota umuriin isaanii waggaa 30-49 jidduutti argaman kuma 125 fi 900 calallii gaggeessan keessaa mallattoon dhibichaa dubartoota kuma 3 irratti mul’achuu himaniiru.
Waggoottan shanaan darban shamaarran miiliyoona 2.4 talaallicha fudhachuu dubbataniiru.
Bara kanas duula Gurraandhala 25 -29, 2016 gaggeeffamuun shamaarran umuriin isaanii waggaa 14 ta’an kuma 528 fi 391f talaallii kennuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kaasuu isaanii ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.