Fana: At a Speed of Life!

Wal’aansa biyya keessaa hanga teeknooloojii wal’aansa ammayyaatti damichaan bu’aa qabatamaa arguutti boonneerraa-Daawwattoota

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2015 (FBC)- Wal’aansa biyya keessaa hanga teeknooloojii wal’aansa ammayyaatti damee fayyaan bu’aa qabatamaa arguutti boonuu qondaaltonni olaanoo fi Jeneraalonni Raayyaa Ittisa Biyyaa ibsan.

Guyya har’aa qondaaltonnii olaanoo fi jeneraalonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Golambaa Sayinsiittii Argisiisa Fayyaa qophaa’e daawwataniiru.

Argisiisichi Muummee ministiraa Abi y ahimadiin guyyaa banamee eegalee dhaabbilee hedduun daawwachaa jiraachun ibsameera.

Hoggantoonnii fi qondaaltonni olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaas Ityoophiyaan damee fayyaan jijjiirama olaanaa galmeessaa jiraachuu arguutti gammaduu ibsaniiru.

Gorsaan Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Leetenaal Jeneraal Alamisheet Daggifee daawwannichaarratti, argisiisicharratti kan dhiyaatan sadarkaa wal’aansaa biyyattii kan argisiisuu fi dhaabbileen muuxannoo irraa argachuuf haala kan mijeesseedha jedhan.

Wal’aansa biyya keessaa hanga teeknooloojii wal’aansa ammayyaatti damee fayyaan bu’aa qabatamaa arguutti boonuu himuu TOI gabaaseera.

Qajeelcha Olaanaa Fayyaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti Itti Gaafatamaan Qajeecha Dhiyeessii Mahaandisa Meeshaalee Wal’aansaa Birgaader Jeneraal Yashiimmabeet Ayyaasewu, argisiisichi qaroomina teknoolojii damee fayyaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan gama isaaniin, kaayyoon argisiisichaa sirna fayyaa saffisaa, teeknooloojii dijitaalaan deeggarame ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu argisiisuuf ta’uu himan.

Sirnichaan hawaasni fayyaa isaa ofii isaan akka eeggatuu fi keessumaa dhibeewan daddarboo hintaane ittisuuf tattaaffi taasisu akka cimsuuf ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.