Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Aksiyoona Tajaajila Qonnaa Marii Ganamaa qonnaa bultoota adda duree turaniin gara Aksiyoonaa dhaabuutti dhufaniin hundeeffame

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC)- Waldaan Aksiyoona Tajaajila Qonnaa Marii Ganamaa qonnaa bultoota adda duree turaniin gara Aksiyoonaa dhaabuutti dhufanii hundeeffameera.

Waldichi galtee qonnaa biyyaa alaarra galchuun qonnaan bultootaaf dhiyeessuu fi oomisha gara biyya alaatti erguun rakkoo galtee gama qonnaatiin jiru haala hiikuun danda’amurratti kan hojjetu ta’uu eerameera.

Inistiityuutiin Tiraanisformeeshinii Qonnaa Ityoophiyaa hundeeffama waldichaarratti qaamolee naannolee Oromiyaa, Kibbaa, Amaaraa fi federaalaarraa walitti babba’aaniif marii muuxannoo waljijjiiruu gaggeesseera.

Waldaaleen  kunneen qonnaan bultootaaf galtee qonnaa biyya alaatii galchuu fi oomisha biyya keessaa gara alaatti erguuf kaayyeefate kan hojjetuu ta’uu, Daayrektarri Eejansii Cee’umsa qonna damee Oromiyaa Obbo Abbabaa Dirribaa himaniiru.

Aksiyoonichis qonnaan bultoota 51 Birrii miiliyoona tokko tokko walitti buusuun hundeefamuun  Godinaalee Oromiyaa garaagaraatti hojiitti seenuun hojjechaa jiraachuus himameera.

Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu, qaamni kun of danda’ee dhaabbannaan galtee gama qonnaa fi horsiisee bulaa jiruu hiikuu ni danda’aa  jedhaniiru.

Jamiilaa Jamaaltu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.