Fana: At a Speed of Life!

Waldaan aksiyoonaa Irree ‘Trading’ kaapitaala mallatteeffame birrii miliyoona 36 hundeeffame

Finfinnee, Bitootessa 12, 2013 (FBC) – Waldaan aksiyoonaa Irree ‘Trading’ kaapitaala mallatteeffame Birrii miiliyoona 36 magaalaa Finfinneetti hundeeffame.

Waldaa dargaggootaan hundeeffame kun gamoo tajaajila adda addaa laatu fi damee daldalaa biroo irrattis akka hirmaatu walitti qabaan boordichaa obbo Siyuum Kabbadaan himaniiru.

Hojii gaggeessaan waldaa Aksiyoonaa Irree Treediing obbo Ashanaafi Mangistu, Waldichi humna diinagdee dargaggootaa cimsuun namoota birootiif carraa hojii uuma jedhan.

Hundeessitoonni waldichaa kaapiitaala walqixaan akka hirmaatan taasisuun aadaan waliin guddachuufi hojjechuu dagaagsuuf kan kaayyeeffame ta’uu obbo Ashanaafiin himaniiru.

Waldichi Jijjiirrama diinagdee hawaasa keessatti ga’ee guddaa ni qbaata jedhame.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.