Fana: At a Speed of Life!

Waldichi  Godina Arsii Lixaatti piroojeektii fayyaa namoota kuma 251 fayyadamoo taasisu ifoomse

Finfinnee, Amajjii 5, 2015(FBC)- Waldaan Misooma Oromiyaa Godina Arsii Lixaa aanaa Nageellee Arsiitti piroojeektii fayyaa namoota kuma dhibba 2  fi kuma 51 fayyadamoo taasisu ifoomse.

Kaayoon piroojeektichaa tajaajila fayyaa hunda galeessa hawaasaaf kennuu ta’uu Biiroo Fayyaa Oromiyaatti, qindeessaan garee deeggarsa dhaabbilee fayyaa  Obbo Dastaa Bukuluun ibsaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira fayyaa godina Arsii Lixaa obbo Girmaa Yaazawu gamasaaniin, dhimma fayyaa ajandaa hooggansaa taasisuun  xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru.

Piroojekticha  milkeessuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu waliigaltee waliif mallatteessaniiru.

Jibriil Huseentu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.