Fana: At a Speed of Life!

Waldichi tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf Birrii miiliyoona 20 ramade

Finfinnee, Bitootessa 11, 2012 (FBC) –Waldaan Fannoo Diimaa Ityoophiyaa tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf Birrii miiliyoona 20 ramade.
 
Waldichi weeraricha ittisuuf Fannoo Diimaa Idil Addunyaa, Federeeshinii Addeessa Diimaa fi waldaalee obbolaa waliin hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
 
Maaskota/haguuggii fuulaa fi funyaanii kuma 5, gwaantota sarjikaalii kuma 6, meeshaalee kenna yaalaa 1500, plaastika ittisa fuulaa 1000, gaawanoota adda baasii kuma 5 bituuf karoorsuu ibseera.
 
Ambulaansonni 500 ol meeshaalee yaalaa hunda guuttatanii deeggarsa laachuuf qophaa’odha jedhameera.
 
Dameewwan naannolee fi federaalaa, tola ooltota, Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa, Ministeera Fayyaa, Biirolee Fayyaa naannolee waliin hojjetamaa jiras jedhameera.
 
Qooda fudhattoota kuma 4 ol ta’aniif leenjiin hubannaa uumuu laatameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.