Fana: At a Speed of Life!

Waldorgommiin Ispoortii Dubartoota Oromiyaa Marsaa 5ffaan Magaalaa Asallaatti eegale

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2014 (FBC) – Waldorgommiin Ispoortii Dubartootaa Oromiyaa Marsaa 5ffaan Magaalaa Asallaatti eegaleera.

Sagantaa dorgommii Ispoorti dubartootaa kana Hoggantuun Biiroo Dhimma Dargaggoo fi Ispoorti Oromiyaa Aadde Saamiyaa Abdallaa eegalchiisaniru.

Ispoortii biyyaa roga maraan guddisuuf ga’een dubartootaa olaanaa ta’uu Aadde Saamiyaan ibsaniiru.

Sagantaa kana irratti hojjetoota dubartoota sektaroota 8, godinaalee 12 fi magaaloonni 11 akkasumas gidugalli leenjii Amboo kan hirmaatan yoo ta’u, Ispoorteessitoonni kumni 1 fi 18 irratti hirmaataa jiru jedhame

Dorgommichi gosa Ispoortii 10 kan dorgomamuu yoo ta’uu, guyyoota 12f akka turu ragaan Biiroo Dhimma Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa irraa arganne ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.