Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Innisheetiivii Ministiroota Maallaqaa Afrikaa Bahaa Ijiptitti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 17, 2015(FBC)- Walga’iin Innisheetiivii Ministiroota Maallaqaa Afrikaa Bahaa Ijipti magaalaa Shaarm El-Sheekitti gaggeeffamaa jira.

Walga’ichi Yaa’ii Waggaa Baankii Misoomaa Afrikaa cinaatti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Ministira Ministeera Maallaqaa FDRI Obbo Ahimad Shiideefi Baankii Misooma Afrikaatti Ittaanaa Pireezidaantii Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Akiin Ooluugbaadeen kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Walga’icharratti dhaabbileen deeggartoota misoomaa kanneen akka Baankii Misooma Afrikaa, Baankii Addunyaafi Bakka Bu’oonni Gamtaa Awurooppaa kan argaman yoo ta’u, walga’ichaa gahee dameen dhuunfaa qaburratti kan xiyyeeffatu ta’uu eerameera.

Piroojektoota misooma waaraafi magariisaa naannawichatti hojjetaman irratti faayidaa damee dhuunfaa waliin hojjechuurratti mari’ataniiru.

Invastimantiiwwan dameen dhuunfaa naannawicharratti hojjetaniif haalota mijatoo uumuun barbaachisaa ta’uu obbo Ahimad Shiideen ibsaniiru.

Kan taasisuun guddina diinagdee qofaaf osoo hin taane nageenya naannawaafi shoora olaanaa kan qabaatu ta’uu addeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.