Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin koree siyaasaa olaanaa Ityoophiyaa fi Sudaan xumurame

Finfinnee, Caamsaa 10, 2012 (FBC) – Walga’iin koree siyaasaa olaanaa Ityoophiyaa fi Sudaan Caamsaa 8 eegalee amma Caamsaa 10,2012tti gaggeeffamaa ture xumurame.
 
Walga’ichi muummee ministiraa biyyoota lamaanitiin hoggansa bakka buufamaniin Finfinneetti gaggeeffamaa tureera.
 
Hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuu, nageenyaa fi waliin jireenya cimsuu, dhimmoota daangaa fi nageenya naannolee daangaarratti mari’atameera.
 
Daddabarsa meeshaa waraanaa fi namoota seeraan alaa, ukkaamsaa fi gochaalee seeran alaa ittisuuf waliin hojjechuurrattis mari’atameera.
 
Jilli Ityoophiyaa itti aanaa muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnaniin kan duurfame yoo ta’u, jilli Sudaan ammoo ministira dhimmoota kaabinee Oomaar Bashir Maaniisin duurfameera.
 
Waltajjiin itti aanu walakkaa Waxabajjii 2012 Kaartuumitti gaggeeffama.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.