Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Mana maree Finfinnee muudama abbootii murtii raggassisuun xumurame

Finfinnee, Guraandhala 16, 2016 (FBC)- Manni Maree Bulchiinsa Magaalaa Walga’ii Idlee 2ffaa Bara Hojii 3ffaa har’a gaggeesse xumurameera.

Manni marichaa walga’ii har’a gaggeesseen gabaasa raawwii baatiiwwan ja’an darbanii gamaaggamuu fi muudamoota abbootii murtee raggasiseera.

Aadde Adaanecha gama miiduyaa hawaasummaa isaniin akka ibsanitti walga’ii gaggeeffameen haala nageenya magaalattii fi fayyadamummaa uummata mirkaneessan hojiilee misoomaa hedduu, dhiibbaa jireenyaa salphisan, pirojektoota guguddoo maqaa gaarii magaalattii jijjiiran xumuruun tajaajila uummataaf dhaqqabsiifamuu manni marichaa mirkaneesseera jedhan.

Magaalaan Finfinnee jiraattotaaf mijattuu akka taatu, hirmaannaa ummataa caalmaatti cimsuun, nageenya itti fufsiisuun, hojiilee qaala’insa jireenyaa salphisan fooyyessuun hojiirra oolchuun, ciminoota jabeessaa amanamummaa fi ciminaan uummata tajaajiluu kan itti fufan ta’uu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.