Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin marii Hidha haaromsaarratti gaggeeffama ture waligaltee malee xumurame

Finfinnee, Muddee 30, 2012 (FBC) – Walga’iin marii Hidha haaromsaarratti gaggeeffama ture waligaltee malee xumurame.

Hidha Haaromsaarratti walga’iin teeknikaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts Finfinneetti gaggeeffamaa ture.

Waltajjii teeknikaa kanaanis guutinsaa fi gadi lakkisa bishaanii Hidha Haaromsaarratti mari’atamaa tureera.

Marichaanis Gibts guutinsaa fi gadi lakkisa bishaanii Hidha Haaromsaarratti yaada haaraa dhiyeessite Ityoophiyaan yaadicharratti walii hin galle.

Marichaanis Gibts sanaan dura “Bishaan meetir kiyuubiin biiliyoonni 40 yaa gadhiifamu, bishaan Aswaam meetira 165tti gadi hin bu’in.” jechuun dhiyeessaa turte guutummaan jijjiirtetti.

Yaa’i bishaanii Abbayyaa uumamasaa eeggatee deemun mirga lagichaan fayyadamuu biyyoota yaa’a olaanu keessa jiranii sarbaanis Ityoophiyaan yaada dhiyeessaa turteetti.

Mariin kana irratti Baankiin Addunyaa fi Ameerikaan taajjabdummaan hirmaachaa turan.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.