Fana: At a Speed of Life!

Walii keenya waldeeggaruun rakkoolee keenya darbuu qabna-Obbo Aganyawu Tashaagar

Finfinnee, Fulbaana 15, 2016 (FBC)- Walii keenya waldeeggaruun rakkoolee keenya darbuu qabna jechuun Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar dubbatan.

Obbo Aganyawu hawaasni musliimaa ayyaana dhalachuu Nabiyyu Mahaammad 1498ffaan ilaalchisee ergaa baga ittiin isin gahe dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, hordoftoonni amantichaa ayyaana Mawulidaa wayita Kabaju waliif yaaduu fi waldeeggaruun ta’uu akka qabu ibsaniiru.

Rakkoolee darbuu fi abdii borii dhugoomsuuf hunduu kallattii bobba’e hundaatti ittigaafatama itti kenname bahachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Dhaloota ammaa gara boqonnaa guddinaa ittaanutti ceesisuuf, dhugaaf, haqaa fi olaantummaa seeraaf abboomanuun akka irraa eegamu eeruun, ayyaanichis kan tokkummaa, jaalalaa fi walta’insaa akka ta’u hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.