Fana: At a Speed of Life!

Waliinga’iinsaa fi qulqullina tajaajila fayyaa mirkaneessuuf kan dandeessisu proojektiin  Doolaara miiliyoona 22.7 dhiyaate

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC) – Waliinga’iinsaa fi qulqullina tajaajila fayyaa mirkaneessuuf kan dandeessisu proojektiin  Doolaara miiliyoona 22.7 dhiyaateera.

Baasiin Proojektichaa Faawundeeshinii Biil Eend Miiliind Geetisn kan uwwifamu ta’uu ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan proojektichi hojii Ityoophiyaa guutuu tajaajilu kan hojjetu ta’uu eeruun sirna fayyaarratti fooyya’iinsa ni fida jedhamee kan eegamu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaatti Ofiisarri olaanaan Faawundeeshinii Biil Eend Miiliindaa Geetis Niikoolaas Liiydoon gamasaaniin Proojektichi tajaajila fayyaa sadarkaa jalqabaa waliin ga’uuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Proojektichaaf baajanni Doolaarri miiliyoonni 22.7 baasii kan taasifamu ta’uu fi hojiirra oolmaasaaf hundi ga’eesaa akka ba’atu gaafataniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.