Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’iinsi har’a ganama buufata Kuduraa fi Muduraa Laaftootti uumame to’atame – Komishinii Poolisii Finfinnee

Finfinnee, Bitootessa 23, 2013 (FBC) – Waldhabdee namoota dhuunfaa lama gidduutti uumameen jeequmsi har’a ganama buufata Kuduraa fi Muduraa Laaftootti uumamee ture to’atame Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiise.
Waldhabdee har’a ganama kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo buufata Kuduraa fi Muduraa Laaftootti uumameen lubbuun nama 1 darbuu komishinichi beeksiiseera.
Jeequmsa uumame tasgabbeessuuf Poolisii fi qaamolee nageenyaa naannichaatti sosocho’aa turan muraasarra miidhaan qaqqabuus ibseera.
Namoonni jeequmsa keessatti hirmaachuun shakkaman to’annoo jala ooluu Komishinichi eereera.
Yeroo ammaa naannichatti tasgabbiin bu’uun sosochiin idilee eegalamuu himameera.
Odeeffannoon miidiyaalee hawaasummaa tokko tokkoon walitti bu’iinsa saba lamaa gidduutti uumame fakkeeffamee tatamsa’aa jiru odeeffannoo sobaa ta’uu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.