Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii hayyootaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 26, 2015 (FBC)- Waltajjiin marii Hayyootaa mata duree “Gahee Hayyootaa dagaagina Ityoophiyaaf” jedhuun Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Waltajjii marichaarratti hayyoonni yuunivarsiitiiwwan biyyattiirraa babba’an kan hirmaata jiran yoo ta’u, Ministirri Barnootaa Pirofeesser Birhaanuu Naggaa fi aanga’oonni Mootummaa olaanoon argamaniiru.

Waltajjicharratti Ministira Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa dabalatee hayyoonni yunivarsitiiwwan biyyattiirraa babba’an, qondaaltonni mootummaa argamaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Kotobee Dooktar Birhaanamasqal Xannaa akka jedhanitti, hayyoonni faayidaa biyyaa dursuun biyyaaf caalchisanii hojjechuu qabu jedhan.

Hayyoonni duudhaalee waloo gaggaarii jiran cimsuun biyya ijaaruu akka qaban ibsaniiru.

Waltajjichi birmadummaa fi nageenya Ityoophiyaaf hayyoonni gumaacha taasisuu haalota dandeessisanirratti marii bal’aan ni gaggeeffama jedhameera.

Waltajjichi, Yuunivarsiitii Kotobee fi Yuunivarsiitii saayinsii fi Teekinooloojii Finfinneetiin kan qophaa’eedha.

Minichil Azzazaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.