Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii Institiyuutii Dhimma Alaa Dippiloomasii Ityoophiyaa gaggeeffama jira

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2015 (FBC)- Waltajjiin marii Institiyuutii Dhimma Alaa Dippiloomasii Ityoophiyaa gaggeeffama jiraachuun ibsame.

Waltajjicharratti haasawa kan taasisan Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin, ‘’Haala waqtawaa idil Adduunyaa fi sadarkaa Ardii hubachuun kallattii dippiiloomaasii faayidaa biyyaaleessa eegsisuu hordofuun barbachiisaadha’’ jedhan.

Waltajjichi yeroo jalqabaaf kan gaggeeffamuu ta’uu Obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Waltajjichan haala waqtawaa Idil Addunyaa fi Sadarkaa Ardiitti hubachuun yeroo kamiiyyuu caalaa faayidaa biyyaaleessaa eegsisuuf, miichuu baay’ifachuu fi sadrakaa idil addunyattii dhageettii qabaachuu kan fayyadu ta’uu himaniiru.

Waggootaan sadan darban damee dippiloomaasiin dhiibbaa kan heddumaataa turedha jedhanii, dippilomaatotaa fi carraaqqii ummataan daandii utuu hinlakkisin turuu yaadachiisuu DhPI gabaseera.

Waltajjicharratti, hoggantoonni olaanoo mootummaa, Ambaasaaddaroonni, Dippiloomatoonni, qorattoonnii fi hayyoonni garaagaraa argamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.