Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin nageenyaa biyyaalessaa dargaggootaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) – Haala yerooratti kan xiyyeeffate waltajjiin nageenyaa biyyaalessaa dargaggootaa gaggeeffamaa jira.
Waltajjichi mata duree ‘dargaggummaa koo Ityoophiyaaf’ jedhuun gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, waltajjii sosochii kanarratti bakka buutoonni dargaggootaa kutaalee biyyattii hunda keessaa walitti babba’an hirmaachaa jiru.
Ministir deettaan Ministeera Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa aadde Hiyiwat Hayiluun Ityoophiyaan rakkoo yeroo ammaa keessa jirtu keessaa akka baatuuf ga’een dargaggoota olaanaa ta’uu eeraniiru.
Duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu mootummaan eegale dargaggoonni hanga xumuraatti deeggaruu akka qaban yaadachiisaniiru.
Rakkoon nageenya gaaga’ama uumuu danda’u seenarraa barachuun jijjiirrama fooyya’aaf hojjechuun barbaachiisa ta’uu hubachiisaniiru.
Barreessaa olaanaan Federeeshinii Dargaggoota Ityoophiyaa dargaggoo Eermiyaas Maatiyoos gama isaan tattaaffii ijaarsa sirna demookraasii fi nageenyaa biyyattiin taasiisan jirtu gochaa badii garee muraasaan gufachuu akka hin qabne himaniiru.
Shirri garee finxaaleyyii lubbuu lammiilee hedduu galafachuu fi gadaansaaf saaxiluu ibsaniiru.
Dabalataan haleellaa qaanessaa gareen finxaaleyyii Raayyaa Ittisa Biyyaa Izzii Kaabarratti raawwate dargaggoonni Ityoophiyaa balaaleffachuu dargaggoo Eermiyaas ibseera.
Gareen badii kun seeratti akka dhiyaatu dargaggoonni ga’ee isaa bu’uu qabu jedhan.
Minyichil Azazawitu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.