Fana: At a Speed of Life!

Waraana gareen shororkeessaa ABUT  bane qolachuuf ummanni Raayyaa Ittisaa cinaa dhaabbachuu akka qabu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2014(FBC) – Waraana yeroo ammaa gareen shororkeessaa ABUT bane qolachuuf ummanni Raayyaa Ittisaa cinaa hiriiruu akka qabu waamichi darbeera.

Wucaalee fi Cifraatti haleellaa gareen shororkeessaa ABUT raawwateen lammiileen nagaa 30 ajjeefamuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa  ibseera.

Gareen shororkeessaa kun naannoo Amaaraa bakkeewwan weeraraan qabatetti haleellaa raawwachuun lammilee ajjeesaa turuu fi torban kana keessa garichi meeshaalee gurguddoo fayyadamuun haleelaa raawwachuu Ministirri Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu ibsaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan weeraraan qabate hundatti ajjeechaa seenaan hin daganne raawwachuu isaa ibsaniiru.

Gareen kun Ityoophiyaa diiguuf tooftaa haaraa bocachuu fi tooftaa isaa kanaanis dambalii namaa fayyadamuun daa’imman Tigraay ficisiisaa jira jedhan.

Mootummaan haala tasgabbii qabuu fi qorannoo irratti hundaa’ee tarkaanfii kan fudhatu ta’uu ibsaniiru.

Waraana yeroo ammaa garee shororkeessaan kun bane qolachuuf hunduu Raayyaa Ittisa  cina akka hiriiruu waamicha taasisaniiru.

Alaazar Taaddaleetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.