Fana: At a Speed of Life!

Warshaa farra aramaa fi ilbiisotaa Adaamii Tulluu deeggarsi akka barbaachisu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 24, 2015 (FBC) – Warshaan farra aramaa fi ilbiisotaa Adaamii Tulluu humna guutuun oomishuu akka danda’uuf deeggarsa barbaachisaa akka taasisan Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaa ibsan.

Injiinar Taakkalaa Uumaa fi Daayrektarri Abbaa Taayitaa Qonnaa Ambaasaaddar Dirribaa Kumaa Warshaa farraa aramaa fi ilbiisaa Adaaamii Tulluu daawwataniiru.

Injiinaar Taakkalaa Uumaan daawwannica ilaalchisuun tooraa miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, warshichi oomishaalee akaakuu garagaraa 20 ol gabaaf dhiyeessaa jiraachuu fi, damee diinagdee qonnaafis tumsa olanaadha.

Ta’us warshichi yeroo ammaa rakkoolee oomishaa garaagaraa mudateen humna oomishuu isaa %20 gadiin oomishaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanaafis hanqinni galtee rakkoo ijoo ta’uu eeraniiru.

Waan ta’eef dhiyeenyatti rakkochi furamee ga’umsa guutuun oomishuu akka danda’uuf deeggarsi akka barbaachisu himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.