Fana: At a Speed of Life!

Warshaan Daabboo fi Daakuu Waajjira Giiftii Dureen ijaarrame eebbifame

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2014 (FBC) – Giiftii Dureen Zinnaash Taayyaachoon Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraatti Warshaa Daabboo fi Daakuu ijaarsiisan eebbisiisaniiru.
Sirna eebbaa kanarratti Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee fi hoggantoonni mootummaa biro argamaniiru.
Warshaan kun lafa karee meetira kuma 6 irra kan qubate yoo ta’uu guyyaan daabboo miiliyoona 1 oomishuu danda’a jedhame.
Ijaarsa warshichaaf Birrii miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 17 baasii ta’uu ibsameera.
Namoota 450f carraa hojii kan uumuu fi guyyaan Daakuu Toonii 72 kan oomishu ta’uus eerameera.
Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon warshaa kana eebbisiisuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeef darbarsaanii laataniiru.
Waarshaan daabboo fi Daakuu magaaloota gurguddoo 10 keessaatti waajjira giiftii dureen ijaarramaa jiraachuu himameera.
Tokkoon tokkoon isaa guyyaan daabboo kuma dhibba 3 fi daakuu kuntaala 400 oomishuu kan danda’an ta’uu eerameera.
Fireehiyiwat Saffiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.