Fana: At a Speed of Life!

Wayita MM Abiy Ahimad duulanitti nu ammoo oomisha keenya dabaluuf hojjechaa jirra- Preezdaant Shimallis

Finfinnee, Sadaasa  24, 2014 (FBC)- Jilli Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinnee aanaa Aqaaqii ganda Gammadaatti oomisha qamadii jallisiin misoome daawwataniiru.

Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 100 fi 80 ol  oomisha qonna jallisii qamadiin uwwifamuu obbo Shimallis himaniiru.

Hojii misooma qonnaa naannichatti bara oomisha bara 2013 fi 2014 hojjetameen oomisha qamadii alaa galchuun hafee jira  jedhaniiru.

Rakkoo paampii bishaanii fedhii qonnaan bultootaa guutuuf hojjetamaa jiruunis mootummaan naannoo Oromiyaa paampiiwwan bishaanii alaa galchaa jiraachuu preezdaant Shimallis dubbataniiru.

Wayita Muummeen Ministiira Abiy Ahimad birmaddummaa biyyaa kabachiisuuf duulanitti  nu ammoo oomisha keenya dabaluuf hojjetaa jirra jechuun preezdaantichi himuusaanii ragaan Waajjira Preezdaantii naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.